ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024
Siyaasa dadhabaa fi dulloomaa geggeessaa kan jiran koloneel Abiy Ahimed fi ergamtoonni isaanii rakkoo siyaasaa impaayerattii mudatee jiruuf uummata Oromoo dararuu furmaata taasifachuun namoota fayyaalessa hojii dhuunfaa isaanii irratti boba’uun jiraatan maatii isaanii irraa qabuun mana hidhaa keessatti dararaa jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 22, 2024 Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii magaalaa Gabaa Roobii keessaa namoota nagaa dhiiraa fi shammarran osoo hin jenne qabanii fuudhanii deemuun magaalaa aanichaa Shinootti hidhanii akka hiraarsaa jiran jiraattotni achirraa dubbisne ONM’tti himan.
Namoonni hidhaman kunneenis maqaan isaanii Leelloo Waamii, Gannuu Taaddasaa, Biraanuu Qananii fi Nigaatuu Gammachuu kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen gochaa isaanii malee WBO waliin walitti dhufeenya qabdu jedhamuun akka hidhamanis jiraattotni itti dabaluun ibsaniiru.
Karoora uummaticha beelaa fi gadadoon rukutuuf qaban ifaan ifatti hawaasa keessatti raawwataa kan jiran yoo ta’u, namoonni hedduunis waqtii qonnaa kanatti manneen hidhaatti jumlaan guuramanii gidirfamaa akka jiran dabaluun addeessaniiru.

