ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Sirni kufaatiif qarree irra marmaaraa jiru bilxiginnaan, lola impaayerattii keessatti irratti adeemsifamaa jiruun dhumaatiin waraana isaa baay’achaa dhufee abdii kutannaa, seera dhablummaa fi jibbiinsa sanyummaa moonaa isaanii keessatti babal’ateen miseensoonni murna bilxiginnaas haamilee dhabuu fi gocha sirna abaaramaa kanaa balfuun yeroo adda addaatti sirnicha keessaa qawwee fi hidhannoon badaa fi meeshaa bakkeetti gatuun uffata jijjiiratanii deemaa waan jiraniif moonaan murna nama nyaataa PP kun diigamaa waan dhufeef, uummata meesha maleessa leenjii tokko osoo hin laatiniif qaama nageenyaa waliin ta’uun maqaa WBO loltuun namoota jireenya isaanii mo’achuuf carraaqan lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuun lubbuu isaanii dhabsiisuu erga eegalee bubbuleera.
Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti dheengadda Waxabajjii 25, 2024 lukkeeleen bilxiginnaa waltajjii teessisaa oolaniin WBO’n baadiyyaa fi magaalota hedduu qabachaa jira, nuun ammoo isaan cabsuu kan dandeenyu lola qofaan osoo hin taane, uummata meesha maleessa ganda tokko irraa nama 20 haala riphee lolaan hidhachiifnee bosonatti bobbaafna, akkasumas Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun hattoota hawaasa saaman, ajjeesanii fi gudeedan ijaarraa fi maallaqa guddaa baafnee WBO fi uummata Oromoo wal jibbisiisuu qabna jechuun maree geggeessaa akka oolan hirmaataan Waltajjii sana irratti argame maqaan isaa akka dha’amu hin feene tokko ONM’tti himeera.
Akka hirmaataan Waltajjii sanaa kun jedhutti ganda tokko irraa namoonni 20 qopheeffaman kun riphee lolaa fakkaachuun bosona keessa deemuun, galgala galgala ammoo ol deebi’anii uummata saamaa fi WBO waliinis wal dura akka dhaabbataniif qajeelfamuun barameera.
Shira ergamtoonni bilxiginnaa xaxaa oolan kana irratti ONM jiraattota aanaa Jiillee Dhummuugaa tokko tokko akka dubbisetti nuuf kun waan haaraa miti, kanaaf gonkumaa raafamnee waan seeraa fi seenaan nu gaafatu deebinee waraana keenya kan ta’e WBO irratti hin dalagnu jechuun dubbataniiru.

