ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024
Murni gabroomfataan impaayera Itoophiyaa qeerroo fi qarree Oromoo ukkaamsuun hidhee dararaa hamaa ilmaan namaa irra ga’ee hin beekne irratti raawwachuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa ture ammas itti fufee jira.
Haaluma kanaan, yuunivarsiitii fi dhaabbilee barnootaa adda addaa irraa dargaggoota gaadee qabuun dhabamsiisuu kan amaleeffate sirni nama nyaataan kun, Yuunivarsiitii Amboo irraa barattoota hidhaa fi dararaa jira.
Barataa Yuunivarsiitii Amboo waggaa 3’ffaa kan ta’e barataa maqaan isaa Biyyaansaa Iddoosaa jedhamu Yuunivarsiiticha irraa qabuun hanga ammaatti achi buuteen isaa dhabamuu batattootni isa beekan himan.
Biyyaansaan badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf ukkaamfamuun bakka namni hin beeknetti kan hidhame ta’uun tilmaamamus du’ee fi jiraan isaa wallaalamee jira.
Yuunivarsiitii sana keessatti barattoota adamsanii qabuun hidhuu fi doorsisuun jabaatee jiraachuu itti dabaluun barattoonni kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

