ONM-ABO Adoolessa 3, 2024
Tuuniziyaan filannoo pirezidaantii Onkoloolessa 6 akka gaggeessitu waajjirri Pirezidaantii Kaayis Saayid Kibxata kaleessaa beeksisuun, filannoo bara 2019 booda marsaa haaraa waggaa shanii akka barbaaduu fi dhiisuu isaanii hin agarsiifne.
Ogeessa heera mootummaa kan ta’e Saayiid bara 2021 biyyattii guutummaatti to’achuun, erga muummicha ministeeraa fi paarlaamaa isaanii hojiirraa ari’anii booda labsiidhaan kan bulchan yoo ta’u, mormitoonni isaa hedduun amma mana hidhaa keessa jiru.
Heera haaraa bara 2022 rifarandamiin raggaasifame kan sirna pirezidaantummaa paarlaamaa aangoo daangeffame qofa qabu uumee ture.
Waajjirri Sa’iid ibsa baaseen, “Pireezidaantiin rippabiliikaa kaleessa, Adoolessa 2, 2024 labsii baaseen, filannoo pirezidaantii Dilbata Waxabajjii 6 gaggeeffamuuf filattota waamuun isaa ni yaadatama.
Rakkoon siyaasaa saamicha aangoo isaaniitiin ka’e dinagdee Tuuniziyaa irratti dhiibbaa guddaa kan uume yoo ta’u, hoji dhabdummaan dhibbeentaa 15, namoota biyyattii miliyoona 12 keessaa garri miliyoona afur hiyyummaa keessa jiraatu.
Tarkaanfii miidiyaalee fudhatameen gaazexeessitoonni, abbootiin seeraa fi mormitoonni siyaasaa 60 ol seeratti dhiyaachuu isaaniis Gamtaan Gaazexeessitoota Biyyaalessaa Tuuniziyaa beeksiseera.
Rakkoon biyyattii keessa jiru lammiileen Tuuniziyaa kumaatamaan lakkaa’aman Awurooppaa keessatti jireenya fooyya’aa argachuuf abdii jedhu qabatanii dooniiwwan balaafamaa galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuruu akka yaalan taasiseera jechuun gabaasa AFP irraa argate France 24 gabaaseera.

