ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Dararaan bulchitoonni gara jabeeyyiin bilxiginnaa lammiilee nagaa irraan ga’aa jiran itti fufuun hawaasni badii tokko malee hojii idilee isaanii irraa ari’amaa fi dararamaa jiru.
Gochi lukkeeleen bilxiginnaa seenaa imphaayerattii keessatti taasisaa jiran hammaachuun namoota qaroo sabaa fi abdii hawaasaa ta’an ogeessota fayyaa hospitaala bulchiinsa magaalaa Shaambuutii hojjetan maqaa hariiroo WBO walii qabduun hojii irraa ari’aa hidhaa fi doorsisaa akka jiran beekameera
Ogeessonni hospitaalichaa yeroo ammaa hojiirraa ari’amanii fi hidhaa keessa jiran haalli jireenya isaanii yaaddessaa ta’uun, kanneen kaan baqatanii jiru. Gariin ammoo hojii isaanii akka hin hojjenneef doorsisni waraana faashistii PP’n irratti ta’aa jiraachuus ONM’tti himaniiru
Yeroo uummanni Oromoo gidirfamaa jirutti miidiyaan PP bara jijjiiramaa keessa jirra jechuun rakkoo uummatni keessa jiru haguuganii maatii hedduun rakkoo hamtuuf akka saaxilaman ta’ee jira.

