Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baanglaadeesh keessatti mormitoota irratti tarkaanfii fudhachuun itti fufee jira

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Baanglaadeesh keessatti guyyaa sadaffaaf walitti aansuun Wiixata kaleessaa mormiin itti fufeera.

Mormitoonni barattootaa mootummaan kootaa haaraa hojii mootummaa irratti beeksisa gaazexaa akka baasu gaafataniiru.

Akka hoggantoonni barattootaa sochii farra kootaa deemaa jiru jedhanitti, mootummaan qajeelfama Mana Murtii Olaanaa irraa kenname hordofuun ajaja baasuu qaba jedhan.

Kanaan dura hojii mootummaa keessatti kootaan %56 barattoota gidduutti sochii jumlaa kan kakaase yoo ta’u, kunis mormitootaa fi humnoota mootummaa gidduutti walitti bu’iinsa hamaa uumeera jedhu.

Torban darberraa eegalee lakkoofsi namoota hiriira jeequmsaa irratti du’anii hanga Kibxata ganamaatti gara 143’tti ol guddachuu maddeen fayyaa Anaadooluutti himaniiru.

Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman miidhamaniiru.

Tarkaanfii mormitoota irratti fudhatameen namoonni 600 ol to’annoo jala ooluu isaanii maddeen poolisii Anaadooluutti himaniiru.

Hooggantoonni barattootaa kun mootummaaf sa’atii 48 keessatti ”haala idileetti akka deebi’uuf” kennaniiru.

Mootummaan uggura sochii yeroo hin murtoofneef “hanga haalli fooyya’utti,” dheeresseera jedhan Ministirri Biyya Keessaa Asaduzzaman Kihaan.

Mootummaan waajjiraalee mootummaas hanga Kibxataatti kan cufu yoo ta’u, dhaabbileen barnootaa torbee darbe yeroo hin murtoofneef cufamaniiru.

Exit mobile version