ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Murni maafiyaa PP aangoo imphaayerattii kanaan of harkaa qaba jechuun yoo fedhe ajjeese, yoo fedhes hidhuun kan barbaade saamuu fi manneen uummataas gubaa kan jiru bilxiginnaan, jireenya lammiileetti abidda qabsiisee jira.
Haaluma kanaan Adoolessa 18, 2024 waraanni mataa nafxanyootaa Abiy Ahimed akka uummata Oromoo saamanii fi qe’ee ilmaan Oromoo balleessaniif ajajaman Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo ganda Qobila Warra Buloo iddoo addaa Ciisaa Boorrii jedhamu keessatti namoota saamuun dhagaa’ame, maqaan namoota saamamaniis:
- Taarikuu Dhalataa irraa qarshii 95,000,
- Daawwit Fiqiruu irraa qarshii 68,000 fi bilbila harkaa ‘Smart Phone’ tokko,
- Eeliyaas Taarraqaa irraa qarshii 5,000 fi bilbila harkaa Smart Phone tokko irraa fudhatanii jiru.
Namoota sadan bilbilaa fi maallaqa jalaa saaman kana badii isaanii miliqfachuuf jecha isaanuma yakkanii qabanii hidhanii achi keessattillee hiraarsaa jiru.
Guyyaa saamichi kun irratti raawwate kana gabaa dhaabbatanii galaa osoo jiranii karaa gubbaatti kan saaman waraanni bilxiginnaa kun, jarri kun balleessaa qabaataniif osoo hin taane waraanni faashistii PP amala shiftummaa isaanii ifaa ifatti muli’ifachuun isaan malees namoota biroo saamaa, goolaa fi reebaa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

