Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaalee adda addaatti caasaan bilxiginnaa dargaggoota bifa haaraan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Lukkeeleen bilxiginnaa dargaggoota Oromoo golee Oromiyaa cufa irra jiran dirqamsiisuun humnaan qabanii maqaa “biyya keessaniif loltu” jedhuun konkolaataa keessa buusuun fuudhanii gara mooraa leenjii waraanaatti erguun beekumsa tokko malee leenjii irra keessoo fi dandeettii osoo isaan hin gonfanne adda waraanaatti baasuun dargaggoota Oromoo garmalee ficcisiisaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaalee adda addaatti ergamtootni Bilxiginnaa kun dirqamaan dargaggoota Oromoo ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.

Maqaa “Poolisii Oromiyaa taatu” jedhuun sossobanii ammas irra deebiin haala duraan barameen olitti bifa haarawaa ta’een dargaggoota gara mooraa leenjii waranaatti erguuf aanaalee godina Jimmaa jalatti argaman magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne, ganda tokkorraa dargaggoota afur-afur akka dhiyaatan kaadiroonni murna gabroomfataa PP taasisaa jiraachuu maddeen keenya itti dhiyoo eeranii jiru.

Exit mobile version