Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaan xiyyaaraa Israa’el Gaazaatti mana barumsaa namootni gaaddisa da’oo godhatan irratti taasisteen  yoo xiqqaate namoonni 30 ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Mariisistoonni biyyattii giddu-galeessitoota idil-addunyaa waliin wal arguun yaada dhukaasa dhaabuu irratti mari’achuuf yeroo qophaa’anitti, haleellaan xiyyaaraa Israa’el Sanbata kaleessaa mana barumsaa giddugala Gaazaa keessatti buqqaatonni itti fayyadamaa jiran rukutee namoota kudhanootaan lakkaa’aman ajjeeseera 

Yoo xiqqaate namoonni 30 mana barumsaa shamarranii Deyir Al-Balaa keessatti gaaddisa godhatan du’uun isaanii kan ibsame yoo ta’u, haleellaa kana waraanni Israa’el wiirtuu ajajaa fi to’annoo Hamaas kan meeshaa waraanaa kuusuu fi haleellaa karoorfachuuf itti fayyadamu irratti xiyyeeffate jedhe.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka jedhetti, haleellaa biroo Sanbata kaleessaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamaniiru.

Hospitaalicha biratti gaazexeessitoonni Asoosheetid Pirees ambulaansii daandii gubbaa fiiguu fi nama miidhamee ciisu arganiiru.

Mana barumsichaa keessa kutaaleen barnootaa diigamaniiru. Namoonni caccabaa jalatti miidhamtoota barbaadaa kan turan yoo ta’u, gariin ammoo reeffa namoota ajjeefamanii walitti qabaa turan.

Haleellaan karoorfame kun kan raawwatame qondaaltonni U.S., Masrii, Kaataar fi Israa’el marii booji’amtootaa fi dhukaasa dhaabuu itti fufee jiru irratti mari’achuuf Xaaliyaanii keessatti wal arguuf beellama qabatanii guyyaa tokko dura. Daarektarri CIA Biil Barns Dilbata har’aa  Ministira Muummee Kaataar Mohaammad Biin Abdul Rahmaan al-Taanii, daayreektara Moosaad Deeviid Barnee fi hogganaa basaasaa Masrii Abbaas Kamel waliin ni mari’atu jedhamee eegama jedhan qondaaltonni U.S fi Masrii irraa maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan.

Akka tilmaama Israa’elitti, yeroo ammaa kana lammiileen Falasxiin gara miliyoona 1.8 ta’an naannoo lolaa irraa haleellaa lafoo fi xiyyaaraa Israa’el raawwachaa jirtuun buqqa’aniiru. 

Akka Ministeera Fayyaa naannoo Gaazaatti lammiileen Faalasxiin 39,000 ol ajjeefamaniiru.

Waraanni kun kan jalqabe Onkoloolessa 7 hidhattoonni Hamaas kibba Israa’el irratti haleellaa raawwataniin namoota 1,200 kan ajjeesaniib yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa yoo ta’an, namoota gara 250 booji’aniiru. Gara 115 ammallee Gaazaa keessa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa gara harka sadii ta’an du’aniiru jedhamee amanama jedha aanga’oonni Israa’el jechuun Gaazexeessaan Asoosheetid Pireess Morookoo irraa gabaaseera.

Exit mobile version