ONM-ABO Hagayya 4, 2024
Poolisiin Naayijeeriyaa guyyoota mormii guutuu biyyattiitti gatii jireenyaa olaanaa ta’e mormuun namoota gara 700 to’annaa jala oolchuu isaanii ibseera.
Sanbata kaleessaa poolisiin rasaasa laastikaa fi gaazii imimmaan nama boochisu mormitoota magaalaa guddoo Abujaa irratti dhukaasuu ibseera.
Namoota 681 hiriira guyyoota sadiin qabaman keessaa gaazexeessitoonni 50 akka ta’an Amnesty International beeksiseera.
Namoonni to’annoo jala oolan kunneen “saamicha hidhannoo, ibidda qabsiisuu, badii,” fi qabeenya miidhuu jechuun poolisiin himatamaa jiru.
Mootummaan gatii boba’aa hir’isuu fi rakkoo dinagdee Naayijeeriyaa isa hamaa ta’e akka furuuf gaafatu, qaala’iinsi jireenyaa waggoota 28 keessatti sadarkaa olaanaa %34 irra ga’eera.
Amnesty International akka jedhetti humnoonni nageenyaa Kamisa irraa eegalee mormitoota 13 ajjeesuu isaanii ibsuun, rasaasa kallattiin fayyadamuu isaanii komachuu isaanii ibsaniiru.
Poolisiin kana kan haale yoo ta’u, hanga ammaatti namoonni torba mormii kana irratti du’aniiru garuu humnoonni nageenyaa isaan keessaa tokkollee akka hin ajjeesne ibseera.
Poolisiin jeequmsa daldalaa fi tiraafikaa akka hin uumamneef mormitoota qarqara magaalota gurguddootti daangessuuf yaaleera.
Giddugala daldalaa Leegoos keessatti mormitoonni 1,000 ol ta’an haaromsa pirezidaantii Bola Tinubuu mormuun hiriira nagaa gaggeessan, kunis deeggarsa boba’aa ummataa irraa kaafamuu fi gatii maallaqaa gadi bu’uu dabalatee qaala’iinsi jireenyaa akka ol ka’u taasiseera Doochii Waleen gabaaseera.

