Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Turkii fi Somaliyaan tumsa leenjii dippilomaasii irratti mari’atan

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmed Moollim Fiqii fi daayreektarri Akkaadaamii Dippilomaasii Ministeera Dhimma Alaa Turkii kan ta’an Mesut Ozkan waliin magaalaa guddoo Moqaadishootti mari’ataniiru.

Gamoonni lamaan gama murteessaa leenjii dippilomaasii irratti tumsa guddisuu fi bu’uura beekumsaa dippilomaatota babal’isuu irratti mari’ataniiru.

Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa walgahii kana booda baase akka jedhetti mariin kun hariiroo akkaadaamii Turkii fi Inistiitiyuutii Dippilomaasii Somaaliyaa gidduu jiru cimsuu irrattis gadi fageenyaan kan hojjetame yoo ta’u, “walta’iinsa kana ol kaasuu fi muuxannoowwan gaggaarii waljijjiirraa cimaa guddisuuf kan yaadamedha jedhan.

Fiqiin Turkiin deeggarsa cimaa Somaaliyaaf gooteef galata guddaa akka qabdu ibseera.

Ankaaraan waggoota 15 darbanitti dippilomaatota Somaaliyaa 80 ol leenjisuu ishee ibsi ministeerichaa ni mul’isa.

Turkiin bara 2011 irraa eegalee pirojektoota gargaarsa misoomaa 150 ol Ejensii Tumsaa fi Qindoomina Turkiin hojjetaman dabalatee, hariiroo “mo’ataa-mo’ataa” jedhu irratti Somaaliyaa waliin hariiroo seenaa cimaa qabdi.

Turkiin Afrikaa keessatti imbaasii guddicha Moqaadishoottis kan qabdu yoo ta’u, Waraana Biyyoolessaa Somaaliyaa leenjisuuf bakka waraanaa biyya alaa ishee guddichatti ijaarte jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version