ONM-ABO Hagayya 8, 2024
ABO-WBO’n erga bara 2018 murni bilxiginnaa bu’aa warraaqsa Qeerroo fi Qarree Oromoo butee aangootti ba’uun qabsoo bilisummaa Oromoo awwaaluuf hojjechuu jalqabee kaasee qabsicha ofitti fudhachuun dararaa uummata Oromoo irratti sirna kolonii bifa jijjiirrateen itti aggaamame hundeen buqqisuuf qeerroo fi qarree ofitti fudhatee leenjii barbaachisaa kenneefii diina loluuf bobbaasaa jira.
Haaluma kanaanis Hagayyaa 6, 2024 Dhaabni ABO-WBO mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaatti kaadhimamtoota haaraa simatee ture leenjii waraanummaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan kennaafii ture xumuree sirna hoo’aan eebisisee jira.
Eebbi kun yeroo hooggantootni WBO bakka cufatti rakkoolee keessoo Dhaabaa qorachuun furmaata kaa’anii hooggansa waloo tolfatanii fi Bobbaa Waraana waliin geggeeffatan ta’uu irraan kan ka’e Eebba Marsaa Irbuu Shinniggaa jedhamuun moggaafameera.
Sirna eebba WBO haaraawaa Marsa Irbuu Shinniggaa kana irratti eebbifamtootaaf barruuleen warraaqsaa adda addaa, seenaa uummata Oromoo fi tooftaan lolaa dirree fi caayaan kennamaafii kan ture yoo ta’u, sirna kana irratti dabalataanis sirni wal harkaa fuudhiinsaa baallii ykn fiingee mooraa, hogganaa mooraa WBO Zoonii Lixaa duraanii Jaal Wiirtuu Galataa fi hogganaa mooraa haaraa Jaal Falmii Tufaa gidduutti geggeeffames raawwateera.
Sirna wal harkaa fuudhiinsaa kanaa fi haasaa saaqiinsaa kan taasisan Jaal Wiirtuu Galataa hojii hojjechaa turaniif jaallan hojii waliin dalagaa turan galateeffachuun, miseensotni Waraana Bilisummaa Oromoo cufti bakka jiranitti miira itti gaafatamummaa fi jaallummaan qabsoo bilisummaa Oromoo milkeessuuf ga’ee isaanii akka ba’atan dhaammataniiru.
Itti dabaluunis akkaataa hojiin bal’achaa deemuu fi jaalli dadhabaa deemuun jaallan sirna Dhaabaa eeganii kaayyoo fi qabsoo sabaaf amanamoo ta’aniin bakka buusuun adeemsa diimookiraatawaa ta’ee fi aadaa hojii Dhaaba keenya keessatti baratamaa ta’ee dha kan jedhan Abbaan Mooraa WBO Zoonii Lixaa duraanii Jaal Wiirtuu Galataa, eebbifatootni rakkoo uummatni keenya keessa jiru keessaa baasuuf of kenniinsa cimaan waan baratan hojiitti hiikuun garbummaa kanatti goolaba akka godhan dhaamuun, milkii fi injifannoo akka argataniifis eebba gameessummaa taasisaniiruuf.
Sirna Eebba Marsaa Irbuu Shinniggaa kana irratti kan argaman Ajajaa Olaanaan ABO WBO Jaal Marroo Dirribaa haasaa taasisaniin eebbifamtootaan baga geessan jechuun haala Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa jiruu fi raafama impaayerattii irraa gabaabsanii dubbataniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo jabinaan zoonii cufa keessatti diina lolee irraa hiikaa jira kan jedhan Jaal Marroon, waraanni Bilxiginnaa osoo gama cufan WBO balleessina jedhee dhama’uu, bakka keenya irraa taakkuu tokko duubatti osoo hin deebine lollee injifachaa fi miseensota haarawaa bifa haaraan leenjisnee bobbaasaa jirras jedhan.
Itti dabaluunis qondaaltotni Bilxiginnaa WBO funaanaa jirra jechuun sobaan ololanis WBOn lolee booji’aa jira kan jedhan Jaal Marroon, mooraa WBO calalamee ititaa jiru diiguuf kallattii maraan ololli geggeeffamus qabsichi daran jabaachaa dhufuu himan.
Dhuma irrattis inni ololu haa ololu nuti hojiin agarsiisna kan jedhan Jaal Marroo Dirribaa, uummatni Oromoo keessaa fi alatti qabsoo isaatti jabaatee, daandii kaleessa abboota keenyaa Jaal Baaroo Tumsaa, Jaal Elemoo Qilxuu, Jaal Nadhii Gammadaa, Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruufaa irraa dhaalle bilisummaa fi walabummaa milkeessinee imimmaan haadha Oromoo haa qoorsinu jechuun dhaammataniiru.
Sirna Eebba Waraana Bilisummaa Oromoo Mooraa Zoonii Lixaatti Geggeeffame Guutuun isaa Akkaataa Nu Qaqqabeen Suura Sagaleen Karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Qabannee Isiniif Dhiyaanna❗

