Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti murnoonni bixiginnaa dargaggoota ukkaamsuun hidhaatti darbachuu itti fufanii jiraachuun ibsame

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Murnoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo qofa garmalee dararuuf bobbaafaman addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun ukkaamsuun hidhanii, ajjeesaa fi achi  buutee dhabamsiisuun dararaa garmalee hawaasa nagaa irratti raawwataa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti murnoonni bilxiginnaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbachuu itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.

Ganda Tuulamaa jedhamu irraa dargaggoota maqaan isaanii Bacarraa Tsigee fi Kennasaa jedhaman ukkaamsuun dabalataan kanneen biroo maqaan isaanii adda hin baane 16 torban tokko dura ganda Guutee Amuumaa irraa ukkaamsuun murnoonni bilxiginnaa hidhanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka maddeen keenya kun eeranitti, dargaggoonni hedduun gandoota baadiyyaa aanichaa hunda keessaa sababa tokko malee sobaan yakkamuun qabamanii waajjira poolisii aanaa Daaboo Haannaatti garmalee dararamaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoota 19 immoo maqaa galmeeffachuun barbaadaa jiraachuu isaanii dubbatu.

Exit mobile version