ONM-ABO Hagayya 7, 2024
Murnoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo nagaan qe’ee isaarra jiraatu irra yakka barbaaduun shira xaxanii badii tokko malee gochoota gara jabinaa adda addaa irratti raawwachuun dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Deedootti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dhiibbaa mirga namoomaa adda addaa raawwataa jiraachuun ibsamee jira.
Aanaa Deedoo ganda Ganjoo Abbayyii jedhamutti bulchaa fi itti aanaan bulchaa gandichaa uummata aanichaa akkuma fedhii isaaniitti waan sammuun isaanii yaade uummata irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, miseensa murna bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Fadiluu jedhamu akkuma fedhetti jiraattota gandichaa waan ilmaan namootaaf hin malle miilla isaa ol irratti kaasuun dhiitaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

