• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Noonnoo Beenjaatti dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

Aug 11, 2024

ONM-ABO Hagayya 9, 2024

Imphaayera Itiyoophiyaa afaan qawween suphuuf halkaniif guyyaa kan dhama’an murnoonni bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti ilmaan Oromoo baratanii, daldalanii, akkasumas oomishanii ofiif jireenya maatii isaanii jijjiiruu danda’an humnaan qabee gara ‘adda waraanaatti’ guuraa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Noonnoo Beenjaatti dargaggoota dirqamaan qabanii gara leenjii waraanaatti guuruun jabaatee itti fufee jira.

Loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Hagayya 7, 2024 ganda Hamdoo jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Jamaal Uummataa Margaa jedhamu reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda dirqamaan gara mooraa leenjiitti fe’uu jiraattonni ganda Hamdoo Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Dhuma irrattis, taateen kun aanota godinichaa cufa keessatti yeroo gara yerootti walitti fufiinsaan raawwatamaa jira jechuun maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading