ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Imphaayerattii keessatti mootummaan biyyan of harkaa qaba ofiin jedhu hawaasa biyyichaa humnaan doorsisuun gariin immoo reebuun akkasumas ajjeesuun, baruma baraan dhiiga hawaasa nagaa dhangalaasisuun aangoo isaa bakkatti eeggachuu kan barbaadu gareen bilxiginnaa keessattuu dhiigni dargaggoo kan itti urgaa’u hawaasa nagaa ajjeesuu bartee taasifatee jira.
Haaluma kanaan, waraanni sirnichaa godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Fayyee Bultoo jedhamu yakka tokko malee Hagayya 7, 2024 mana isaa keessaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii naasuu tokko malee ajjeesanii gatanii deemuu maddeen keenya ONM’f gabaasaniiru.
Akka maddeen keenya jedhanitti, dargaggeessi kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo isaa biratti jaallatamummaa guddaa qabu ta’uu himuun, waraanni goolessituu PP badii tokko malee Akka bineensaatti dargaggoota Oromoo adamsee ajjeesaa jiraachuus dabaluun dubbatanii jiru.
Akkasumas akka aanichaatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa dhiiga lammilee nagaa dhuguu baran hidhamtoota hedduu mana hidhaa irraa baasuun halkan halkan ajjeesanii bakkeetti gataa akka jiran illee heeruu hawaasa irra arganneen gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

