ONM-ABO Hagayya 12, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa imphaayera Itiyoophiyaa suphuuf loltoota isaanii baadiyyaa fi magaalaa osoo hin jenne kutaalee Oromiyaa cufa keessatti bobbaasanii dargaggoota Oromoo ukkaamsuun fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti ergaa turuu fi ammallee kan duraanii caalaa dargaggoota butuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Haaluma kanaan, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algeetti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa lukkeelee isaanii waliin ta’uun dargaggoota humnaan qabanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun himameera.
Akka jiraattonni aanichaa jedhanitti, ergamtootni Bilxiginnaa loltoota imphaayera Itiyoophiyaa waliin ta’uun gandoota aanichaa hunda irraa dargaggoota 25 fedhii isaanii malee humnaan qabuun ukkaamsanii gara mooraa leenjii Bilxiginnaatti ergaa jiraachuu dubbatu.
Ji’oota 2’n duras aanicha keessaa dargaggoota haaluma kanaan guuranii gara mooraa leenjii waraana PP’tti erguu isaanii jiraattonni kun itti dabaluun himaniiru.

