Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Darraatti lukkeeleen bilxiginnaa sochii doqdoqqee fi bajaajii uummataa ugguran

ONM-ABO Hagayya 13, 2025

7Waraanni faashistii koloneel Abiy Ahimediin Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti uummata Oromoo dararuuf bobbaafaman yeroo ammaa kana immoo kan duraa caalaatti uummata Oromoo badii tokko malee garmalee hiraarsuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.

Haaluma kanaan, Kaaba Shaggar aanaa Darraatti lukkeeleen Bilxiginnaa sochii doqdoqqee fi bajaajii uummataa ugguruun hojii dhorkanii jiraachuun ibsamee jira.

Adoolessa 28, 2024 irraa eegalee hanga har’aatti aanaa Darraa magaalaa Adaree ganda 02 keessatti “isintu WBO fe’ee fidee nu rukuchiisaa jira” jechuudhaan waraanni fi ergamtootni bilxiginnaa konkolaachistoota doqdoqqee fi bajaajii oofuun jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan sochii idilee dhorkanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalataan, yeroo ammaa kana waraanni sirnichaa guyyaa guyyaan mana manarra deemuun namoota doqdoqqee qaban irraa guyyaatti doqdoqqee digdama-digdama humnaan qabuun  gara gandoota baadiyyaa aanichaatti waraana isaaniif galaa ittiin fe’aa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeranii jiru.

Exit mobile version