ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Doktooronni Hindii Sanbata kaleessaa lagannaa hojii guutuu biyyattiitti kan jalqaban yoo ta’u, gudeeddii fi ajjeechaa suukkanneessaa michuu isaanii irratti raawwatameen booda mormii hammeessee dhimma yeroo dheeraa miidhaa dubartoota irratti raawwatamu irratti aarii guddaa kaaseera.
Hagayya 9 reeffa doktora ganna 31 kanaa kan dhiigaan laaqame hospitaala mootummaa Baha magaalaa Kolkataa keessatti argameen magaalota biyyattii hedduu keessatti aariin mormii guddaa kaase.
Hedduun isaanii ogeessota fi hojjettoota eegumsa fayyaa birootiin kan hoogganaman yoo ta’u, lammiileen Hindii idileen kuma kudhaniin lakkaa’aman tarkaanfii fudhachuuf gaafataniiru.
Doktarri ajjeefamte kun galma seminaara hospitaala barsiisaa keessatti kan argamte.
Qorannoon reeffaa miidhaan saalaa akka raawwatame kan mirkaneesse yoo ta’u, iyyata mana murtiitti dhiyeessan keessatti warri miidhamtuu intalli isaanii gareedhaan gudeedamte jedhanii shakkan jedhan.
Poolisiin Kolkataa dhimmicha dogoggoraan qabachuu isaatiin ummata dallaneen waan himatameef, amantaa uummataa kakaasuu Manni Murtii Olaanaa magaalattii qorannoo kana gara Biiroo Qorannoo Giddugaleessaa olaanaa Hindiitti dabarsuu France 24 gabaaseera.

