ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Mootummoota Gamtoomanitti Wiixata har’aa sadarkaa miidhaa hojjettoota namoomaa irratti raawwatamu ”fudhatama hin qabne” balaaleffateera. Bara 2023’tti addunyaa guutuutti hojjettootni gargaarsa 280 ajjeefamaniiru jedhe.
Akkasumas waraana Israa’el fi Hamaas gidduutti Gaazaa keessatti geggeeffamaa jiru bara kana du’a akkasii daran dabaluu akka danda’u akeekkachiiseera.
Itti aanaan daayreektarri Waajjira Qindeessituu Dhimmoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) Jooyis Misuyaa ibsa irratti kennaniin, “miidhaa hojjettoota gargaarsaa irratti raawwatamu idileessuu fi itti gaafatamummaa dhabuun hojii gargaarsaa bakka hundatti hojjetamuuf fudhatama kan hin qabne, dammaqinaan kan hin qabnee fi miidhaa guddaa kan geessisudha,” jedhan Guyyaa Gargaarsa Namoomaa Addunyaa irratti.
“Waggaa darbe biyyoota 33 keessatti hojjettoonni gargaarsaa 280 kan ajjeefaman yoo ta’u, bara 2023 hawaasa gargaarsa namoomaa addunyaa irratti bara du’aa galmeessedha,” jechuun bara 2022 yeroo hojjettoonni gargaarsaa 118 du’an irraa dhibbeentaa 137’n dabaleera jedha ibsi OCHA kun.
Mootummootni Gamtoomanii akka jedhetti, namoota bara 2023 du’an keessaa walakkaan ol ykn 163, hojjettoota gargaarsaa ji’oota sadan jalqabaa waraana Israa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffame keessatti Gaazaatti kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaa haleellaa qilleensaatiini.
Akka gabaasa OCHA’tti Itoophiyaa keessatti hojjettootni gargaarsaa 6 bakkoota wal dhabdee keessatti ajjeefamaniiru jechuun Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.

