ONM-ABO Hagayya 20, 2024
Milishonni PP yeroo adda addaatti sababoota adda addaa Bilxiginnaan diriirsuufiin dirqama uummata Oromoo dararuu fudhatanii kan bobbaafaman yoo ta’u, ofii isaanii fi walii isaaniifis nagaa kan hin qabne ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa magaalaa Arjoo Guddattuutti milishaan PP tokko haadha manaa isaa ajjeesuun eeramee jira.
Hagayya 18, 2024 gara galgalaa sa’atii 1:30 irratti magaalaa Arjoo Guddattuu naannoo marfataatti milishaan PP maqaan isaa Caalii jedhamu haadha manaa isaa maqaan ishee Dirribee jedhamtu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaa jiraattonni magaalichaa himan.
Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti, milishaan kun haadha manaa isaa irraa ijoollee afur kan qabuu fi haati manaa isaa immoo karaa irratti buddeena gurgurtee maatii ishee kan jiraachiftu taatus, namni maqaa milishaan saamee nyaachaa jiru jireenya ishee fi ijoolleef osoo hin yaadne haala suukkaneessaa ta’een haadha manaa isaa kana irratti rasaasa roobsuun magaalaa walakkaatti ajjeesuu dabaluun addeessaniiru.

