Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yuunvarsiitii Ambootti barsiisonni murna bilxiginnaan wal-ga’ii irra turan miindaan kaffalamuufii diduun beekame 

ONM-ABO Hagayya 21, 2024

Murni bilxiginnaa maqaa qulqullina barnootaa jedhuun barsiisota barnoota muummee saayinsii uumamaa fi afaan Ingilliffaa barsiisan manneen barnootaa guutuu Oromiyaa keessa jiran irraa leenjii ji’a tokkoof kennaafii akka jiru beekamaadha.

Haa ta’u malee kaayyoon leenjii sirna bilxiginnaa kunis dhimmoota barnootaa waliin kan wal ilaallatu osoo hin taane siyaasa isaanii akkaataa ittiin waraana bilisummaa Oromoo dhabamsiisaniif leenjii basaasummaa kennaafii turuu maddeen keessoo isaanii ONM’tti himan.

Kana malees barsiisonni yaadota kaadireen sirna bilxiginnaa dhiyeessaafii turan  mormii irratti dhiyeessanis ukkaamfamaa turuun kan himamu yoo ta’u, guyyaa wal-gayiin kun eegalee kaasee kaffaltii biiroon barnootaa barsiisotaaf ramades namoota leenjii fudhachaa turaniif kennuu akka dhorkatan beekameera. 

Xumurri wal-gayii kanaas har’a Hagayya 21, 2024 ogguu ta’u qarshiin barsiisonni geejjiba konkolaataaf akka walii galaatti biroon barnootaa ramadeef 1,800 ta’uun himamus, garuu kaadiroonni sirnichaa qarshii 600 qofaa akka laataniif itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version