ONM-ABO Hagayya 22, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummanni Oromoo addatti murna dantaa barcuma aangootiif duguggaa labsatee jiru bilxigginaadhaan dararaa hamtuu keessummeessaa jiraachuu gabaasaa akkuma turre ammas dararaan jiraattota nagaa irratti waraana faashistii PP’n taasifamu jabaachuun godina Baha Shaggar aanaa Boosatitti qeerroo fi qarreen Oromoo hirmaannaa siyaasaa irraa walaba ta’an maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun reebichaa fi hidhaan dararamaa jiraachuun barame.
Hagayya 19, 2024 aanaa Boosat ganda Saaraa Araddaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Shuraa Buttaa jedhamu irratti reebichi ulfaataan waraana gabroomfataa PP’n yoo taasifamu, shamarree Taliilee Tafarii fi dargaggoo Miidhagsaa Abeebee jedhamus qabuun hanga har’aatti achu buutee dhabamsiisanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru
Kana malees gandoota aanaa Boosat keessatti argaman cufa irratti namoonni keessattuu gandoota baadiyyaa keessa jiraatan bakka hojii isaanii irraa waraana faashistii PP’n butamanii maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun saamamuu, hidhamuu, manneen irratti gubachuu fi ajjeefamaa akka jiranis jiraattonni itti dabaluun dubbatan.
Gochoonni suukkanneessaan aanaa Boosat keessatti ta’aa jiru baanee galuuf wabii jireenyaa nu mulqee jira kan jedhan jiraattonni onichaa, hawaasni hunduu ati WBO’dha, ni nyaachista, daandii qajeelchitaa fi seelii isaanii taatee hojjettaan dararamaa waan ooluuf har’a duunaa fi bor duunaa keenyaaf yaaddoo keessa seennee jirra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

