Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti ajjeefamuu dhimma dhageenyaa aanichaa ilaalchisee jiraattonni hidhamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Hagayya 20, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti tarkaanfii qaama hin beekamneen dhimma nageenyaa aanichaa irratti fudhatamee lubbuun isaa darbeen jiraattonni nagaan waraana faashistii PP’n qabamuun hidhamanii dararamaa jiraachuun beekame.

Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Waandii Daallee zooniii Dooyyoo iddoo addaa Abbaa Gurraachaa jedhamutti obboloota lama kan maqaan isaanii Daani’eel Tamasgeenii fi Toleeraa Tamasgeen jedhaman waraanni sirnichaa qabuun gara bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraatti geessanii hidhanii akka jiran himameera.

Kana malees guyyumma dhimmi dhageenyaa aanichaa ajjeefame kana jiraattota bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irratti reebichi fi doorsisni raawwachuun lukkeeleen sirnichaa ajjeechaa kana gara dabarsuuf jecha  namoota ammaaf maqaan nu hin geenye hedduu qabanii mooraa waraanaa aanichaatti hidhanii jiru.

Dhimmi nageenyaa aanaa Qilxuu Kaarraa kun kan ajjeefame wal dhabdee caasaa bilxiginnaa fi garee waraana PP’tti maxxanee saamicha geggeessu gidduutti yoo ta’u, dhimmi nageenyaa kun maallaqa uummata irraa saamu hedduu isaa dhuunfaa isaaf itti fayyadamuu isaan tarkaanfii dhoksaan wal irratti akka fudhatan jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version