ONM-ABO Hagayya 22, 2024
Ilaalcha uummata Oromoo ajjeesanii jiilchuu jedhu qabatanii socho’aa kan jiran loltoonni fi ergamtoonni sirnichaa akkuma ajaja olii itti kennametti uummata Oromoo qe’ee fi ooyiruu isaa irratti lubbuu obbaasaa oolu.
Jala deemtonni sirnichaa gurra isaanii uummatatti qabuu irra miindaa fi siyaasa sirnichaan gowwomfamuun gochoota qorqalbii hawaasaa jeequu fi sadarkaa qe’ee isaanii irraa godaansisu irraan gahaa jiru.
Akkuma bartee isaanii godina kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee bulchiinsa magaalaa Ejeree keessatti Hagayya 20, 2024 waraanni maafiyaa PP nama maqaan isaa “Absaa Bojaa Mitikkuu” jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta” jechuun qorannaa seeraa tokko malee ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti gatuu maddeen onichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaa kana aanota godinichaa cufa keessatti hidhaa, saamicha, ajjeechaa akkasumas gochootni gara jabinaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti murnoota bilxiginnaan raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

