Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Loltoonni murna bilxiginnaa sadii qawwee fi hidhannoo guutuun Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo irraa WBO Zoonii Giddu-Galeessaatti harka kennatan

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Akkuma midhaan humnaan nyaatan humna namaaf hin ta’u jedhan sana murni Bilxiginnaas dargaggoota lafa argee walitti funaanee dirqiin gara mooraa leenjiitti guuraa kan turan yoo ta’u, dargaggoonni kunneenis sirna balfamaa fi cubbamaa dhiiga ilmaan Oromoon taphatu ta’uu baruun gara mooraa qabsoo haqaa WBO’n geggeeffamaa jiruutti dabalamaa jiru.

Sirna ilmaan maatii jalaa funaanee teessoo isaa ittiin tikfachaa, gama tokkoon ammoo qe’ee maatiitti deebi’uun ajjeechaa qabee hanga saamichaa raawwachaa jiru utubuun cubbuu fi hammeenya hamaa ta’uu kanneen baran mooraa waraana Bilxiginnaa ganuu itti fufanii jiru. 

Haaluma kanaan loltoonni sirnichaa beekaniis ta’e osoo hin beekin sirna ajjeesaa kana tajaajilaa turan sadii qawwee fi hidhannoo guutuun kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo mooraa Ejersaa keessaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Akka loltoonni kunneen jedhanitti mooraa isaanii keessa walii galteen akka hin jirree fi walqoodiinsi sanyummaa daran dagaagee akka jiru dubbatan. 

Itti dabaluunis uummanni keenya yeroo miidhamu ijaan arguu fi qaamaan keessatti hirmaachuun hedduu nu ceepha’e jechuun, yeroon kun yeroo itti uummata ofiif dhaabbatan malee uummata ofii miidhan miti jechuun dabaluun ibsaniiru. 

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo sabaan Oromoo ta’anii sirnicha tajaajilaa jiraniin murna uummata Oromoo lafa irraa duguugaa jiru jala gortanii uummata keessan miidhuu irra gara qabsoo haqaatti dabalamaatii saba keessan tajaajilaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Exit mobile version