ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Baha Paakistaan bulchiinsa Punjaab keessatti namoonni qawwee qaban konkolaataa mana barumsaa irratti dhukaasa banuun daa’imman lama ajjeesuu poolisiin beeksiseera.
Haleellaa Kamisa ganama ganda aanaa Attook keessatti raawwatameen daa’imman shan madaa’aniiru.
Poolisiin akka jedhetti namoonni haleellaa raawwatan konkolaachisaa kana irratti kan xiyyeeffatan fakkaatu. Sababa kanaan innis madaa’eera.
Qondaaltonni naannoo fi miidiyaaleen akka jedhanitti ijoolleen kunneen umuriin isaanii waggaa shan qofa ture.
”Qorannoon keenya jalqabaa konkolaachisaan kun nama tokko waliin diinummaa akka qabu agarsiisa,” jechuun qondaalli poolisii naannoo sanaa Mohammad Shakil dhaabbata oduu Asoosheetid Preesitti himeera.
Pirezidaantiin Paakistaan Asiif Alii Zardarii fi Ministirri Biyya Keessaa Mohsin Naqvi haleellaa kana balaaleffachuun namoota madaa’aniif yaaliin fayyaa hundarra gaarii ta’e akka kennamu ajajan.
Kutaan Attook kaaba dhiha Paakistaan jeequmsa keessa jiru irraa fagoo miti, waggoota dhiyoo asitti haleellaan gareewwan hidhataniin itti baay’ateera.
Bara 2014 keessa namoonni qawwee hidhatootni Taalibaan kaaba dhiha Paakistaan keessatti mana barumsaa irratti haleellaa raawwataniin daa’imman gara 150 ajjeesaniiru.
Bara 2012’tti haleellaan Taalibaan kan biraa konkolaataa mana barumsaa Iswaat keessatti raawwatame Malaalaa Yuusafzayi kan madeesse yoo ta’u, bara 2014’tti badhaasa Noobeelii nagaa injifatte jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

