ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti diina adabe.
Tarkaanfii kaleessa Hagayya 22, 2024 aanaa Ada’aa Bargaa ganda Iluu Soddolbee jedhamu keessatti waraana faashistii PP irratti fudhateen battalatti 15 irraa ajjeesuun hedduus madeesseera.
Lola injifannoon boonsaan irratti galmaa’e kanaan qawwee PKM 1, Isnaayippera 1 fi AKM 13 hidhannoo waliin irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Guyyaa dheengaddaas godinichuma aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu keessatti du’aa fi badoon adabee ture.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa zoonicha keessatti loltoota Bilxiginnaa hedduu ajjeesee gariin madeessuunii fi booji’uun barcuma siyaasaa Bilxiginnaa funyaan Finfinnee jalatti raaasaa jiraachuun ni beekama.

