Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu fi hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Hagayya 29, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa afaan dhadhaa dibachuun jechoota kuulanii uummata Oromoo gowwomsaa faallaa isaa immoo guyyaa guyyaan dararaa hamaan uummatatti  bobba’uun, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti jiraattota saamuu fi hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.

Aanicha Ganda Cooraa Kanaaboo bakka addaa Kanaaboo jedhamutti Hagayya 25, 2024 “deggertoota WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Jabeessaa Baqqalaa,
  2. Waaqkennee Fiqaaduu,,
  3. Yohaannisii fi kanneen biroo 20 ol ta’an badii tokko malee reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwachuun hidhaatti darbachuu fi  manneen hawaasaa irratti saamicha hangas hin jedhamne hanga harki isaanii danda’e saamuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himan.

Aanichuma ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu irraa badii tokko malee Hagayya 20, 2024 namoota 100 ta’an qabuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuu kana dura isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version