ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Golee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo dinagdeen quucarsuu kaayyeffatee kan deemu waraanni sirna nama nyaataa PP sababoota garaa garaa wabeefachuun namoota nagaa saamuu fi dararaa raawwachuu jabeessee jira.
Haaluma walfakkaatuun, Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Gomboo Kooraa jedhamu keessatti waraanni goolessituu PP Hagayya 29, 2024 mana Obbo Gurmuu Ejjetaa cabsuun waan isaan manaa qabanii fi bilbila ijoollee isaanii hunda jalaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, waraanni sirna dhab-leessi PP kun yeroodhaa gara yerootti maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun badii tokko malee uummata nagaa saamuun akka uummatichi dinagdeen quucaree jiraatuu fi gadadoo keessatti hafuun harka Bilxiginnaatti kufuuf akka ta’e irra deddeebiin dubbatamaa jira.

