Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti kaabinoonni PP wal dhabdee keessoo isaaniitti mudateen hidhaatti wal guuraa jiraachuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Murni gabroomfataan PP  “Waraana Bilisummaa Oromoo balleessineerra” guyyaa biraa ammoo “ni balleessina” jedhee osoo dhaadatuu, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ammoo guutummaa Oromiyaa keessa socho’ee caasaalee isaanii yeroo inni unkuteessu qondaalonni olaanoo PP wal dhabaa turuu fi jiraachuun dhugaa hin haalamneedha.

Haaluma kanaan, Fulbaana 2, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan magaalaa Gabaa Roobii jedhamu keessatti bulchaa aanichaa kan ta’e namni maqaan isaa Asaffaa Yoonaas jedhamu “bara haaraa Habashootaatti caasaa gandaa kan Waraana Bilisummaa Oromootiin diigame deebisanii ijaaruu” maqaa jedhuun kaabinoota bilxiginnaa magaalichaa hidhaatti darbachuu maddeen keenya ifoomsaniiru.

Akka maddeen himanitti, Kaabinoota guyyaa dheengaddaa hidhaman keessaa kan ammaaf maqaan isaa adda ba’e, Shaaroo Asaffaa kan jedhamu yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii adda hin baane ammoo hordofnee isin beeksifna jechuudhaan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanichatti ergamtoonni sirnichaa yeroo adda addaatti walii isaanii irratti gochoota gara jabinaa adda addaa  raawwachaa turuu fi yeroo ammaa kanas immoo bifa haaraan wal irratti ka’anii wal nyaachaa jiraachuun isaanii ifoomeera.

Exit mobile version