ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Murni nama nyaataan PP, qaamolee isa jala jiran waan ta’uu hin qabne hunda raawwatee gammachiisuun impaayera jiguu geesse suphee ittiin aangoo irra bubbuluuf jecha seeraa fi qajeelfama mootummaan “biyya tokkoo ittiin bulu” cabsuun yeroo adda addaatti walii isaaniitii wal muuduu, sadarkaa barnootaa ragaa sobaa fi doktora sobaa walii kennuu irratti argamu.
Haaluma kanaan, Yuunivarsiitiin Jimmaa bulchiinsota aanaalee godinichaa hundaaf ragaa barnoota sobaa kennuun hojjettootni gumgumaa jiru.
Yuunivarsiitiin Jimmaa hooggansa aanaalee godinichaa kana dura ji’a Sadaasaa keessa galmeessuun Fulbaana 1, 2024 hooggansa aanaalee baay’inaan 106 ta’aniif haala mijeessuun guyyaa tokko illee osoo isaan daree seenanii hin baratin eebbisiisuun ragaa sobaa digirii lammaffaan (Masters -MA) kennameefii jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

