ONM-ABO Fulbaana 6, 2024
Loltoonni bilxiginnaa kaayyoo fi akeeka qawwee hidhachiifamaniif kan hin beekne, saboota kan biroo irraa addatti ammoo saba Oromoo qofa afaan qawween cabsuuf kan hojjetan golee Oromiyaa hunda keessatti ajaja koloneel Abiy Ahimediin “saamicha lukkuu hanga ajjeechaa lubbuu namaatti” raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti loltoonni bilxiginnaa loon qonnaan bultootaa saamuun hawaasni dararamaa jira.
Aanaa Guduruu ganda Qanaatee Dhinsaa jedhamu irraa torban darbe keessa Hagayya 30, 2024 loltoonni sirnichaa hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasa kamiiyyuu hin qabne jalaa loon ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni loon jalaa saamame kunneenis:
- Addisuu Iddeessaa loon 3,
- Bojaa Fiqaaduu loon 4 fi nama kan biroo maqaan hin eeramne jalaa loon 3 waliigala loon 10 saamanii gara magaalaa aanichaatti galanii jiraachuun ibsameera.
Namoonni kunneen namoota hojii qonnaa dalagachuun jiraatan kanneen siyaasa keessaa hin qabne ta’uu fi ta’e jedhamee dinagdeen hacuucee harka kennachiisee bulchuuf karoora jabaa qabatee kan itti jiruudhas jedhaniiru.

