ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Uummanni Oromoo Oromiyaa keessaa dhiibamanii ykn dirqisiifamanii akka ba’anii fi jireenya gadadoo jalatti akka kufaniif dabni loltoota faashistii PP’n godhamaa jiru hammaatee jira.
Fulbaana 15, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii jedhamu keessaa waraanni faashistii PP maqaa hidhata WBO qabda jedhuun nama maqaan isaanii obbo Shariif Tamaam jedhaman jalaa jedhuun horii 40 jalaa ooffachuun gara aanaatti akka geessan jiraattonni ONM’tti himan.
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti sagaleen uummataa kabajamuun hafee saamamuu, hidhamuu, ajjeefamuu fi manneen isaanii waraana garboomfataa PP’n gubachaa kan jiru maatiin hedduun haalli jireenya isaanii godaansaaf saaxilamuu akka ta’ee jirus himameeera.
Kana malees gandoota godina Baha Wallaggaa keessatti haalli sarbama mirga namoomaa waraana nama nyaataa Bilxiginnaan raawwachaa jiru egeree uummataatti yaaddoo guddaa uumee kan jiru yoo ta’u, namnuu qe’ee isaa irratti nagaan ba’ee galuun itti ulfaatee akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

