ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Dilbata kaleessa akka jedhanitti, Israa’el torban kana Libaanos keessatti dhukaasa cimaa daangaa qaxxaamuraa fi haleellaa cimaa erga raawwatteen booda haala Hizbullaa irratti yaada kennan.
”Guyyoota dhiyoo asitti rukuttaa Hizbullaan gonkumaa yaaduu hin dandeenye walitti aansuun geggeessineerra. Hizbullaan ergaa kana hin arganne taanaan ergaa akka argatu isinii mirkaneessa,” jechuun Netaaniyaahuun ibsa kennaniin dubbataniiru.
”Biyyi kamiyyuu haleellaa lammiilee ishee irratti raawwatamu, haleellaa magaalota ishee irratti raawwatamu obsuu hin dandeessu. Nutis Mootummaan Israa’el illee hin obsinu,” jechuun jiraattota kaaba Israa’el lola waggaa tokkootiin buqqa’an gara qe’ee isaaniitti akka deebisan dhaadatan.
Ministirri Ittisaa Yoav Gallant humnoonni Israa’el kaayyoo waraanaa isaanii hordofuu itti fufu jedhan, kunis jalqaba torban kanaa irraa eegalee jiraattota kaabaa gara qe’ee isaaniitti deebisuu sirnaan kan dabalatuudha.
Kaayyoon waraanaa babal’achuu isaan dura, Hamas caccabsuu fi booji’amtoota haleellaa gareen hidhattoota Falasxiin Onkoloolessa 7 waraana Gaazaa kakaase irratti qabaman akka deebi’an mirkaneessuu irratti xiyyeeffataniiru.
Tarkaanfiin waraanaa “hanga hawaasni kaaba Israa’el gara mana isaaniitti nagaan deebi’uu mirkaneessuu dandeenyutti itti fufa,” jedhan.
“Kun kaayyoo keenya, kun ergama keenya, kana galmaan ga’uuf mala barbaachisan fayyadamna” jechuu isaanii AFPn gabaaseera.

