ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Prezidaantiin Yukireen Volodimir Zeleniskiin labsii dhaabbilee 42 fi namoota dhuunfaa jaha Iraan, Chaayinaa, Yunaayitid Arab Emireets (UAE) fi Raashiyaa irraa dhufan irratti qoqqobbii kaa’u mallatteessaniiru.
Sanadoonni kunneen Kamisa darbe hojiirra kan oolan ta’us, Jimaata kaleessaa ganama qofa marsariitii pirezidaantichaa irratti kan dhiyaatan ta’uun ibsameera.
Humni qilleensa Korpis Warraaqsa Islaamaa Iraan akkasumas dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen Raashiyaa fi Chaayinaa keessatti galmaa’an hedduun addatti qoqqobbiin irra kaa’ameera.
Ministeera Ittisaa Raashiyaa Aleeksaandar Fedorkov namoota qoqqobbii irra kaa’ame keessaa tokko.
Biyyoonni dhihaa Iraan diroonii fi misaa’ela gara Raashiyaatti dabarsitee jirti jechuun himatan.
Moskoo fi Tehran lamaan isaanii iyyuu himannaa kana haalaniiru jechuun aljezeraan gabaaseera.

