Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Billoo Bosheetti loltoonni PP jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Loltoonni Bilxiginnaa yeroo fedhan humnaan dirqamsiisanii gara mooraa leenjii waraanaatti erguun yeroo fedhan immoo maqaa adda addaa itti maxxansuun dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun garmalee dararaa jiraachuu akkuma itti fufanitti jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Bosheetti loltoonni PP jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Aanicha ganda Qarree Konchii jedhamu irraa Fulbaana 22,2024 nama maqaan isaa Obbo Namarraa Bultii jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Guyyuma sana ganda Laaloo Qarree jedhamu irraa immoo namoota maqaan isaanii Dhugumaa Abdiisaa fi Obbo Bogojaa Amantee jedhaman “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf sobaan yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version