ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Erga haleellaan xiyyaaraa Israa’el Wiixata darbe jalqabdee as lammiileen Siiriyaa gara 13,500 ta’an Libaanos gadhiisanii gara Sooriyaatti akka imalan ministirri biyya keessaa Libaanos Kamisa Kaleessaa ibsaniiru.
Bassam Mawlawawiin ibsa gaazexeessitootaaf Beyiruutitti kennaniin, ”Lammiileen Sooriyaa Libaanos gadhiisanii gara Siiriyaa deebi’uuf deeman 13,500 ta’aniiru.
Libaanos baqattoota Sooriyaa miiliyoona 1.8 kan keessummeessitu yoo ta’u, isaan keessaa gara 900, 000 ta’an dhaabbata baqattootaa UN (UNHCR) keessatti galmaa’aniiru.
Mawlawwiin akka jedhanitti sababa haleellaa Israa’el itti fufee jiruun namoonni gara 70,100 ta’an gaaddisa Libaanos 533 keessatti kooluu galaniiru.
Itti dabaluudhaanis, “Naannoo Bekaa baha Libaanos keessattis gaaddisa lammiilee Sooriyaatiif murtaa’e jiru,” jedhan.
Israa’el kaleessa ganama irraa eegalee Libaanosiin rukutuun yoo xiqqaate namoota 640 ajjeesuu fi 2,500 ol madeessuu ishee lakkoofsi Ministeerri Fayyaa baase ni mul’isa.
US, Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni sagal biroon Israa’elii fi Hizbullaah lolli daangaa qaxxaamuraa isaanii hammaataa dhufuun guyyoota 21f dhukaasa dhaabuuf akka walii galan Kibxata galgala gaafataniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun garuu, waraanni isaanii humna guutuun Libaanos rukutuu akka itti fufu ajaje jechuun, yaada dhukaasa dhaabuu yaadame kana irratti walii galuu isaanii gabaasa miidiyaaleen ibsaman haaluun isaanii ni yaadatama.
Muummichi ministeeraa kun waraanni Israa’el Gaazaa keessatti “hanga kaayyoon waraana kanaa hundi galma ga’utti” itti fufa jedhan.
Hawaasni addunyaa haleellaan Libaanos irratti raawwatame, waldhabdee Gaazaa naannootti babal’isuu kan kaasu waan ta’eef akka dhaabbatu akeekkachiisaniiru jechuun BBCn gabaaseera.

