Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee fi magaalota naannoo isheetti manneen jiraattotaa diigamuu itti fufe 

ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024

Murni dheebuu aangoo qabu Bilxiginnaan yeroo gara aangootti dhufee  eegalee kan duraanii caalaatti bololaa fi gara jabaataa ta’uun, yeroo itti hawaasni jijjiirramatu naaf dhufa jedhee abdataa turetti  mirgoota dimookiraasii fi namoomaa hawaasaa sarbuun hiraarsaa jira.

Haaluma kanaanis  Finfinnee fi magaalota naannoo ishee jiran keessatti misooma Koriiderii jechuun mana jireenyaa daandii irra jiru gamoo dabalatee diiguudhaan maatii hedduun daandii irra bulaa jiraachuun barameera.

Yeroo itti qaala’insi jireenyaa hawaasa dararaa jirutti, manneen jiraattotaa diigamuun, hawaasni dirree onaatti gatamanii kan jiran ogguu ta’u, namoonni manneen irratti diigamaa jirus wantoota nyaatan dhabuun beelaan waadamaa jiraachuu  himaniiru.

Keessattuu irra jireessaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii magaalaa Sabbataa, Buraayyuu, Dukam, Laga Xaafoo fi kanneen biroo hedduu keessatti manneen jiraattotaa beenyaa tokko malee diigamaa akka jirus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version