ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Biyya heeraa fi seeraan bultu keessatti aangoon harka uummataa kan jiru ogguu ta’u, garuu impaayera Itiyoophiyaatti bara dhufaa darbaa dhabamuu sirna diimokiraasiin wal qabatee bulchitootni akka fedhanitti hojjechuun jeequmsi daangaa darbe mul’ata.
Uummatni kan mootummaadhaaf ajajamu waan mootummaan sun seerawwaadha jedhee amanuuf ta’uu kan dagatan aanga’oonni murna faashistii PP, aangoo keenya jalatti buluu diddan jechuun hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi dararaa guddaa raawwwatu.
Onkoloolessa 3, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalichaa irraa gara ganda Sarbii jedhamutti waraanni sochii taasise nama nagaa tokko kan maqaan isaa Fayyeeraa Magarsaa Tottoobaa jedhamu rasaasaan rukutuun madeessuun himameera.
Fayyeeraan hanga gabaasni kun qindaa’etti haalli fayyumaa isaa haalaan yaaddessaa ta’uun kan himamu yoo ta’u, waraanni kunneen yakka tokko malees rasaasaan madeessuu fi reebicha ulfaataas irratti taasisuun jiraattota gandichaa hedduu irraanis miidhaa gurguddaa ga’uun beekameera.
Oduu manneen gubaatiin wal qabatuun ammoo waraanni Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Warra Jirruu irraa gara ganda Tulluu- Hincinnii naannoo Abbaa Eebbaa jedhamutti sochii taasisuun Onkoloolessa 3, 2024 mana Obbo Dilbaabaa Horoo jedhamu qabeenya keessa jiru guutuu waliin ibidda itti shiduun gubuun ifoomeera.

