ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024
Murni Bilxiginnaa shakkii aangoo irraa na buusuuf jedhuun mormitoota qabanii hidhuu fi ajjeesuu akkasumas finciltoota irratti lola labsuu fi uummata irratti duguuggaa sanyii geggeessuun cinaatti keessoo isaaniis shakkuun bakka cufatti tarkaanfii wal irratti fudhachaa jiru.
Haaluma kanaan torbee kana keessa Kaaba Shaggar aanota garaa garaa keessatti kaabinoota isaanii fi poolisoota irratti tarkaanfii hidhaa fi hojii irraa wal geggeessuu raawwachaa jiru.
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuu fi odeeffannoo kennitanii nu rukuchiiftan jedhuun godinichatti warri hidhaman bulchaa aanaa Dagam Abarraa Boggaalaa fi ajajaa Poolisii aanaa Giraar Jaarsoo Inspekter Dirbabaa Raggaasaa kan jedhaman waraanni mindeeffamtoota Abiy Ahimed ta’an hidhanii jiru.
Kana malees bulchaan godina Kaaba Shaggar Obbo Kifaloo Adaree Garasuu kan jedhamu hojii irraa geggeeffamee jira.
Namootni kunneen godinicha keessatti loltoota lafoo fi diroonii Bilxiginnaan bobbaasee uummata fichisiisaa tureef odeeffannoo laachaa fi siyaasa Bilxiginnaa lafa qabsiisuufis Faannoo qindeessanii qe’ee uummata Oromoo gubsiisaa kan turan ta’us galanni Bilxiginnaa biraa isaan qaban kana ta’ee jira.
Bilxiginnaan maree Adaamaa irratti humna mul’ataa jechuun waan hin qaqqabatamne barsiisaa ture irratti Pirezidaantii Amaaraan Shanee Amaaraan marfamtee jirta akkasumas Bilxiginnaa Oromiyaan hojii hin hojjenne jedhee booda duula lafoo waraanaan geggeessuun cinaatti miseensota isaa hidhaa, hojii irraa ari’aa fi ajjeesaa jiraachuun ni beekama.

