ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan ilmaan Oromoo boossisuu kan jaallatan kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun dinagdeen quucarsuuf saamicha hamaa ta’e raawwataa jiru.
Haaluma kanaan godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa guutummaa aanichaa keessaatti lukkeeleen bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii ”godoo seelii” jedhuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii dhibba shan shan kaabinoota gandaan irraa funaanaa fi sababa tokko malee saamichi ulfaataan raawwatamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbatu.
Ergamtoota sirnichaan yeroo yerootti maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii gaafatamaa jiraachuu fi gibirri humnaan olii itti fe’amuun jiraattonni aanichaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

