ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Ilmaan Oromoo humnaa fi goyyomsaan qe’ee isaanii irraa qabamuun aangoo murna Bilxiginnaa akka tiksaniif bobbaafaman badii sirnichi lubbuu fi qabeenyaa uummata Oromoo irraan ga’aa oolu jibbuun qawwee gurguratanii fi qawwee kaa’anii badaa akkasumas qawwee waliin mooraa waraana Bilxiginnaa gananii WBO’tti makamaa jiru.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 15, 2024 waraanni faashistii 7 qawwee fi hidhannoo waliin godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessaa mooraa Bilxiginnaa ganuun WBO’tti makamanii jiru.
Itti dabaluun guyyuma kaleessaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa loltootni Bilxiginnaa 2, aanaa Galiilaa irraas loltuun 1 mooraa Bilxiginnaa jibbuun WBO’tti makamaniiru.
Loltootni Bilxiginnaa kurnan kun qawwee AKM 10, hidhannoo 10, boombii fi rasaasa hedduu qabatanii ba’uun mooraa waraana bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.
Loltootni Bilxiginnnaa duraanii kun erga nagaan WBO bira ga’anii booda dubbii taasisaniin, murni Bilxiginnaa aangoo isaa dheeressuuf qofa lola isaan hin ilaallannnetti hirmaachisee lubbuu isaanii dabarsaa jiraachuu himuun, hawaasa irraa dhalannetti deebinee gocha farra dhala namaa ta’an akka raawwannuuf dirqisiifamuun keenya yeroo ammaa abdii nu kutachiisee akka dhaabbannee of ilaaluun keessaa baanu nu taasiseera jedhan.
Simannaa WBO’n taasiseefittis gammaduun ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii jiran qawwee fi hidhannoo waliin WBO’tti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.
Murni Bilxiginnaa waraanni kiyya miliyoonatti lakkaa’ama jechuun tokkummaa fi naamusa qabaachuu isaanii dhaadatus gocha badii achi keessatti raawwatamu jibbuun Oromiyaa keessatti guyyaatti loltootni Bilxiginnaa 10 ol WBO’tti harka kennachaa akka jiran ni beekama.

