ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2024
Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Sisi Kamisa kaleessaa walga’ii Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araagaki waliin Kaayirootti taasisaniin haalli naannoo akka hin hammaanne gaafataniiru.
Ibsi preezdaantii Masrii baase akka beeksisetti, walgahichi haala yeroo naannoo Baha Giddu Galeessaa keessatti mul’atu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.
Gaazaa fi Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuu fi haleellaa Israa’el West Baankii dhuunfatame irratti raawwattu dhaabuuf tattaaffiin idil-addunyaa akka hordofamu gaafataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan gama isaatiin marii Aragaki pirezidaantii Masrii waliin taasisan “faayidaa qaba” jedheera.
Aragakiin Kibxata galgala Joordaan irraa gara Kaayiroo kan dhufan yoo ta’u, waldhabdee itti fufee jiru keessatti haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwattu kamiyyuu ittisuuf tattaaffii dippilomaasii taasisaa jira.
Iraan haleellaa misaa’elaa Onkoloolessa 1 Teehiraan raawwatteef deebii waraanni Israa’el akka kennitu eeguun of eeggannoo olaanaa irra jirti, haleellaan kun ajjeechaa dhiheenya kana hoggantoota Hizbullaah fi Hamas irratti raawwatameef haaloo ba’uuf akka ta’e ibsiteetti.
Israa’el haleellaa haaloo ba’uu “ajjeechaa, keessumaa kan nama ajaa’ibu” Iraan irratti raawwachuuf doorsifteetti jechuun Arabs news gabaaseera.

