Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaa Kibba impaayera Itiyoophiyaa godinoota garaa garaa keessatti sababa gibiraaf manneen qalii sangoota qaluu dhaaban

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Mootummaa Kibba Itiyoophiyaa godina Kambaataa aanaalee garaa garaa, Walaayittaa Sooddoo aanaalee garaagaraa fi godina Daawuroo aanaalee  adda addaa keessatti abbootiin qabeenyaa manneen hoteelaa keessatti nyaata daldaluun jiraatan sodaa gibiraaf jecha erga sangoota qalmaaf barbaachisan kan maamiltootni ittiin beekan qalanii waggaa lakkoofsisuuf deemaa jiraachuun barame.

Sababni abbootiin hoteelaa kun sangoota filatamoo qaluu dhiisaniif gareen saamtota Bilxiginnaa dinagdee impaayerattii waraanaan kufe  uummata jireenya isaa fooyyessuuf olii fi gadi fiigee jiraatu irratti gatii gibiraa  dabaluun bakka buufachuuf waan namootni kaffaluu hin dandeenye itti murteessanii waan jiraniif akka ta’e odeessi naannicha irraa arganne ni addeessa.

Godinoota armaan olitti caqafaman keessatti hoteelli tokko sangaa tokko qalee gabaaf yoo dhiheesse gibira qarshii kuma kudha saddeet kaffala jedhamee itti murtaa’eera. Kaffaltiin kun qalma sangootaan waan deemuuf galii argatan cufa gara Bilxiginnaatti naannessisuuf hojjechaa jiraachuu isaaniitti daldaltootni aaruun sangaa qalanii gabaaf dhiheessuu erga dhiisanii waggaa guutuuf deemuu abbootii hoteelaa fi maamiltoota irraa odeessi arganne ni addeessa.

Hoteelotni giddu gala daldalaa fi boqonnaa tajaajilamtootaa ta’uun godinoota Walaayittaa Sooddoo, Daawuroo fi Kambaataa keessatti argaman yeroo ammaa tajaajila ga’aa kennuu dhabuun hawaasni rakkachuu yoo ibsan, Bilxiginnaan garuu Keeniyaa gadi gibira sassabna waan ta’eef nageenyas ta’e misooma isiniif guutuu hin dandeenye jechuun maqaa sanaan saamicha eegaluun isaa barameera.

Exit mobile version