ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024
Sababa dhibdee nageenyaa Oromiyaa keessa jiruun, godinaalee garaa garaa keessatti barnoonni waggoota ja’an darbaniif bakkoota adda addaatti gargar cituun kan beekamuudha.
Godinaalee rakkoon nageenyaa keessa jiru kan akka godinaalee Giddu Galeessaa, Wallagga arfan, Gujii, Arsii, Walloo fi keessumaa kutaalee baadiyyaa Oromiyaatti barnoonni addaan ciccituun, manneen barnootaa gariin guutummaatti waraanni Bilxiginnaa barbadeessuun, dhaloota abjuu fi qaroo isaa dhabamsiisaa jiru.
Rakkoo nageenyaatiin walqabatee, Salaaletti manneen barnootaa 230 ta’an gubachuun, barattoonni kuma 67 ol barnootaan ala ta’uus ragaan dhiyeenya kana ba’e ni addeessa.
Godina Lixa Shaggar qofa keessatti rakkoo nageenyaan wal-qabsiisanii waraana faashistii PP’n manneen barnootaa 27 guutummaatti yoo barbadaa’an, 97 ammoo qabeenyi isaanii baduun, 127 irra ammoo miidhaan gahee, 137 barnoota osoo hin kennin turuun ibsameera.
Kanaanis, barattoonni 66,378 barnootaan ala yoo ta’an, qabeenyi qarshii biliyoona 1.4’tti tilmaamamu ergamtoota Abiyyiin barbadaa’ee kan jiru ta’uun ifoomeera.
Bifuma walfakkaatuun Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessatti barnoonni addaan ciccituun kufaatii barattootaaf illee sababa akka ta’e ni beekama.
Bilxiginnaan ofii nageenya barbaanna jechaa yeroo garaa garaatti mooraa mana barnootaa dantaa siyaasaaf oolchuun waraana raayyaa ittisaa impaayerattii keessa qubsiisuun barattoonni akka faca’anii fi barnoonni akka addaan cituuf sababa ta’uu fi dirooniin rukutuun barbadeessaa jiraachuun kufaatii barattootaa qormaata seensa Yuuniversitii irratti galma’e ragaa dha.

