Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Somaaliyaan haleellaa shororkeessummaa ‘jibbisiisoo’ Industirii Aerospace Turkii irratti raawwatame balaaleffatte

 ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024

Somaaliyaan haleellaa shororkeessummaa “jibbisiisoo” roobii kaleessaa Industirii Aerospace Turkii irratti raawwatame balaaleffatteetti.

Somaaliyaanis qormaata walfakkaataan waan mudateef Turkiif mararfatti,” jechuun Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kenneen beeksiseera.

Somaaliyaan deebii ariifataa humnoonni nageenyaa kennan kan galateeffatte yoo ta’u, namoonni itti gaafatamummaa fudhatan seeratti akka dhiyaatan amantaa akka qabdu ibsiteetti.

Moqaadishoon maatii dhibdee kanaan miidhamaniif jajjabina kan ibsite yoo ta’u, ummataa fi mootummaa Turkii waliin gamtaan akka dhaabbattu ibsiteetti.

“Soomaaliyaan Turkii fi hawaasa addunyaa waliin qabsoo farra shororkeessummaa dura dhaabbachuuf kutannoo qabdi, walta’iinsa gatii waliinii fi wal amantaa irratti hundaa’een,” jechuun hawaasni addunyaa “tumsa shororkeessummaa irratti akka cimsu” dhaamteetti.

“Waliin taanee gochoonni akkanaa murtoo ummata keenya tiksuu fi nagaa kabachiisuuf qabnu akka hin laaffisne mirkaneessuu dandeenya”, jedhan.

Haleellaan shororkeessummaa kun dhaabbilee Indaastiriiwwan Aerospace Turkii Ankaaraa keessatti argaman irratti xiyyeeffate.

Haleellaa kanaan lubbuun namaa kan darbe yoo ta’u, namoota du’uu fi namoota 14 madaa’uu isaanii Ministirri Biyya Keessaa Turkii Alii Yerlikaayaa himaniiru jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version