Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa hawaasa dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu fi miidhaa namoomaa raawwachuu jabeessan

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Sirna abboota isaa irraa  dhaale  impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf kan watwwaatu murni gadi galoo Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, wayita ammaa golee Oromiyaa cufa keessaa uummata nagaa qe’ee fi maatii isaa irraa dirqamaan qabuun gara leenjii waraanaatti guuree dararaa  irratti raawwachuu jabeessee jira.

Onkoloolessa 19, 2024 irraa eegalee ergamtoonni Bilxiginnaa Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo gandoota baadiyyaa kanneen akka: Abootee Dhidheessaa, Tibbee Caffee Jammoo Giroos fi Jammoo Gamballaa keessaa hawaasa nagaa umurii fi saalaan osoo adda hin baasin dirqamaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti erganii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gandoota kanneen keessaa ganda Jammoo Gamballaa irraa namoota ukkaamfaman keessaa kanneen maqaan nu ga’e muraasni:

  1. Kumarraa Aagaa, 
  2. Geetuu Asiraat,
  3. Mokonnon Tashoomaa,
  4. Yaadataa Camadaa, 
  5. Dabalaa Lammeessaa fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera. 

Godinuma kana aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Giishee jedhamu keessaa Onkoloolessa 17, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Gulummaa Addisuu,
  2. Misgaanuu Birattii,
  3. Habtaamuu Misgaanuu fi kanneen biroo hedduu ta’an dirqamaan qe’ee fi maatii isaanii irraa ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaa geessuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Onkoloolessa 24, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa keessaa humnoonni waraanaa abbaa irree Bilxiginnaa gara ganda Hundee Guddinaatti imaluun jaarsa biyyaa Kan ta’an Obbo Aliyyii Abdullaa jalaa loon ja’a  saamuun tokko battalumatti qalachuun akka nyaatan ibsameera.

Kana malees torban darbe ganda Waayyuu Abboonnootti waraanni faashistii PP qonnaan bultoota jireenya isaanii irraa dirqiin  leenjii milishummaaf qabuun himameera. Namootni humnaan qabamuun leenjiutti ergaman kunneen maqaan isaanii;

  1. Obbo Lulluu Ittaanaa,  
  2. Dinqaa Bulii, 
  3. Waaqumaa Waaqjiraa, 
  4. Imaanaa Tamasgeenii fi 
  5. Jiraataa Fiqaaduu ta’uun barameera.
Exit mobile version