Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Xuullootti lukkeeleen faashistii PP kaffaltii kaffaluu diddan jechuun hawaasa irratti hidhaa raawwachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin kabajne ta’uun, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa hadheeffatanii kan morman hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu hammeessuun godina Lixa Harargee aanaa Xuullootti kaffaltii kaffaluu diddan jechuun hawaasa irratti hidhaa raawwachuun himamee jira.

Aanaa Xuulloo Araddaa Haqaan Jiraataa fi araddaalee aanichaa hunda keessatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota irratti dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufuun maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dha’anii saamicha yeroo yeroon geggeessuun, maqaa gosa kaffaltii kanneen akka: gibiraaf qarshii hedduu, ashuraansiif qarshii 2000, waldaa maqaan isaa hin beekamneef qarshii 1000, buusaa gonofaaf qarshii 1000 fi kanneen biroo hedduun hawaasni rakkataa jiraachuun, sababa tokko malee araddaa Haqaan Jiraataa irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Aliyyii Hadeeroo,
  2. Ibraahim Abdullee,
  3. Ammaduu Usmaanii fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun “kaffaltii kaffaluu diddan” jechuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen kan hidhaman waan fidanii ergamtoota bilxiginnaaf kaffalan dhabuu malee, badii tokko kan hin qabne ta’uu fi gara fuula duraatti illee waan fidanii kaffalan kan hin qabne ta’uu himu.

Exit mobile version