ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024
Lukkeeleen bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dha’uun uummata irratti saamicha hamaa ta’e raawwachuun dinagdee isaa quucarsaa kan jiran yoo ta’u, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa manneen amantaa irraa dirqamaan gibira guuruu fi jiraattota irratti reebicha raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Onkoloolessa 21, 2024 irraa eegaluun aanaa Baddannoo magaalaa Furdaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa kan isaan hawaasa irraa gibira humnaa olii gaafatan xiqqaannaan yeroo ammaa kana immoo manneen amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa irraa dirqamaan qarshii 20,000 akka kennaniif dirqamsiisaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa eeranii jiru.
Kana malees, aanaadhuma kana araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa “maallaqa kaffaluu diddan” maqaa jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Obbo Samad Suufiyaan
- Mahaammad Ahimednuur fi
- Ibraahim Abdallaa jedhaman reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’uun yeroo ammaa kana du’aaf jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka aanichaatti dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, uummanni rakkoo hamaa keessummeessaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

